App Bareefama Afaan Feetani Afaan Oromootti isinif jijjiru Danda’u

Assalaam alaykum warahmatullahi wobarakaatuhuu jirra jirtuu kabajamtootaafii jaallatamtoota hordoftoota keenya akkam alaamanaan Sa’aanamaan bakka jirtan hundatti nageenyi keenya isin haagahu. egaan akkuma mata dureetti isiniif ibsuuf yaallet afaanota addunyaa kanarra jiran kanneen google keessa galan hunda gara afaan oromootti jijjiiruu nidandeessu egaan kabajamtoota hordoftoota keenya haga dhuma sagantaa keenyaa ibsaan dubbisaa Akkuma beekamu technoolojiin guyyaa gara. Guyyaatti guddataa jira kanumaan Wolqabatee namoonni addunyaa kanarra
Jiran kan afaan wolii himbeekne gabaabumatti haala ittiin wolii galuu danda’an qabu’ innis karaa teknoolojiin baase keessaa application garaa garaa fayyadamuun yoota’u amma dura afaan
oromoo google irra waan hin galiniif oromoonni technolojii kanarraa fayyadamuu hindanda’an ture amma garuu galanni rabbiif haagahuu oromoonnis akkuma ummata addunyaa hubdaa technolojii kanarraa fayyadamaa ta’uun isaanii beekamaadha

Maarre aplication amma dura jiran barreefam gara afaan ofiitti deebufachuu barbaadan bakka itti arganii kopi gochuun gara app gara afaan isaanitti jijjiiruuttu kan fidan yoota’u amma garuu appin nuti. Arra isin agarsiifnu kun sanarraan addatti
haala namaaf nijatuun hojjetee jira . innis akkami waan jedhu mee wolumaan ilaalla

Appin nuti arra isin agrsiifnu barreeffama
akka afaan oromootti isiniif jijjiiramu
feetan hubda osoo koopi hin godhin bakkuma itti argitan sana irratti isiniif jijjiiruu danda’a innis app kana erga buufattanii app kana keessa seenuun baaksisa yookaan mallattoo fuula mobaayila keessanii irra isiniif taa’utu jira
isa sana harkakeessaniin bakka barreeffamaa sanatti harkisuuqofa sababooda isumatu isiniif jijjiira

BARREEFFAMA LAFARRAA YOOKAAN
HOTEELAAFII WONT MOBAAYILAAN ALAA

Barreeffama lafarratti argitan yookaan kaarraafii waajiraallee garaaraa gara afaan
oromootti jijjiirrachuu yoofeetanis haala
gabaabaadhaan app sana keessa seenuun
bakka mallattoo camera cuqaasuun kameesaa keessan bakka barreeffama
sanaatti qabdu sanaboooda barreffama
Sana mobaayila keessan keessaan kan
argitan afaan oromooti barreefmin inni
alatti isin argitan nijijjiirama jechuudha
Kana jechuun fakkeenyaaf nakka fii biyya
akkasuma afaan himbeekne yoodeemtan
gaafii tokkoon malee mana ciisichaa yookaan algaa akkasuma hospitaalaafiii.
Waajjira feetan mobaayiluma keessan qofaan baruu dandeessu.

HIIKAASAGALEE
.kan itti aanu ammoo hiikkaa sagaaleeti
Waan appiin kun qabu keessaa inni guddaan isa kana kana jechuun sagalee Barbaaddan gara afaan oromootti jijjiiruu Nidandeessu akkasuma nama barbaaddaniin haasa’uus nidandeessu

fakkeenyaaf sagalee yookan jecha afaan
Isin himbeekne tok garuu baruu barbaaddan fiddanii app kana keessa galchuun mallattoo sagale guddiftii cuqaasuun sagalee sana itti bantu sana booda gara afaan oromootti isiniif hiika Wolumaa galattii appiin kun appii mobaayila keessanirra taa’uu qabuudha Kanaaf app kana karaa midiyaa keenyaan haala isin itti fayyadamtan isin barsiifnee waan jirruuf achiraa vidio keenya ilaaluun Fayyadamaa akka taatan kabajaan isin gaafanna

Egaan kabajamtoota fii jaallatamtoota keenya barnoonni nuti arra qabannee isiniif dhihaanne kan haga ammaatti argitaniidha Yeroo biraa haga barnoota biraan wolitti xeebinutti nagaa nuuf ta’aabisin jaalanna

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *