App Batteryn Bilbila Keessani Yo Rakkoo Qabaatee isinif Himu

Assalaam alaykum warhmatullahi wobarakaatuu
jirra jirtuu bakka jirtan hundatti nageenyi keenya isin haagahu egaan akkuma mata dureetti isiniif ibsinetti APP battirii keessan ittiin marammartan yookaan humna baatirii keessanii ittiin beekuu dandessan qabannee isiniif dhihaannee waan jirruuf haga dhuma barreeffama keenyaa suutaan dubbisaa

Fakkeenyaaf namoonni mobaayila namarraa bituu
barbaaddan baatiriin mobayila sanaa hagam akka
cimuufii dadhabaata.e gabaabumatti app kana
fayyadamuun beekuu dandeessu maal kana qofa
dhagaa yookaan battirii haaraa yoobitachuu feetanis jalqaba app kana mobaayila keessanirratti erga buuftanee booda dhagaa bituu feetan sana mobaayila keessan keessa galchitanii gabaabumatti baruu dandeessu

Yeroo tokko tokko mobaayilli keessan kan hollatu
yoota’e rakkoo waalamaati inni tokko rakkoo screna mobaayila keessanii yoota’u inni dabalataa ammoo baxxariyaadha kana osoo mana mobaayilli itti bareeffamu hin geessin gabaabumatti rakkoo
mobaayila keessanii beekuu dandeessu yoo dhagan keessan kan rakkoo qabu ta’e appiin kun isinitti hima

HUMNA BAATIRII KEESSANII

Akkuma beektan baatiriin mobaayila inni jabaan
kuma afurii ol yoota’eedha kanaaf kampaniin sobanee irra keessoo baattirii sanaarratti kuma afur jedhanee yoobarreessan appiin kun battiriin sun parsantii isadhugaa meeqa qabachuu akka danda’u isiniif hima

Dabalataan charjii yeroo mobaayila keessanitti tolchitan akka dalagaa jiruufii dalagaa hinjirre
akkasuma sa’aa meeqatti akka guutuu danda’u
isiniif hima ammas yoo charjiin irraa socho’e
osoo isin hin argin akka iyyu yoo feetan isiniif
iyya maaliifuu waan baay’eetu jira appin kun
haaraa dhiheenya hojjetame amma yoonaattis
namoonni hedduun buufataniiru

Kandabalataa ammoo temprechera yookan owwa
baatiriin sun danda’u isiniif hima fakkeenyaaf
baatiriin 4000MAh ta’e tokko temprechera 39 owwu kandanda’u yoota’u kana jechuun jeddu galeessa baatiriin bareeda jedhamu tokko temprechera 45 hanga 50 danda’a maarre kunsi maallaqni isaa akksuma wol caalaa kana beekuuf app kana buufachuu qofatubisinirraa eegama

Dabalataan maqaa battirii sanaa baruu dandeesu
baatiriin mobaayilaa maqaa baay’ee kan qabu yoo
ta’u akkasuma kampaanii hedduutu jira isaan keessa kan nuti bareeda jennee yaadnu lione yokan leenca liion yokan leenci kun sa’aa 24 keessatti yeroo tokko qofa itti guuttu yoo hagam live taphattes jabaadhahin owwu mobaayilarraan rakkoo hingahu

Kan biraa ammoo parsantii dhagaan sun irra jiru
yookaan chargi meeqa akka qabu isiniif hima
dabalataan gaafii biraa yoo qabaattan waa’ee
baatirii keessanii akkasuma waa’ee app kanaa
abbbaan app kanaa garee telegraamaa waan qabuf app kana keessaan haala isin garee jaraa kana seentan mijeessanii waan jiraniif seenuu
nidandeessu akkasuma gaafii waan barbaaddan
jara gaafachuu nidandeessu

kanaaf app kana ofii keessaniif erga fayyadamtanii hiryoottan keessaniifis qooduun namoottan rakkoo akkanaa qaban biraan akka nuuf geessan kabajaan isin kan gaafannuta’a yeroo kamuu namoonni waan nuti isin barsiifnu woliif qooddaa yoona geesan nu’iifillee hamilee jabaa ta’a nutis isiniif jecha yeroo keenya itti kenninee hojjetaa waan jirruuf isinis gargaarsi isin nuuf gootan yoojiraate sher nuuf gochuu akkasuma like gootanii nujajjabeessuud

barnoota jajjaboo akkanaa argachuuf yeroo kamuu barreeffama nuti isiniif barreessinu sirnaan yoo hordoftam fayyadamaa taatu kanaaf nutilleen waan dubbiftaneef isin galateeffachuu barbaanna nuuf jiraadhaa bakka jirtaan hundatti nagaa ta’aa isin jaallanna dhumarratti app kana namaafis akka qooddan kabajaan isin gaafanna

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *