KARAALEE 6 DAANDII MILKAAYINAA DHUGOOMSAN
karaalee 6 Milkaa’ina Jireenyaaf
Akkamiin Milkaa’ina Ibsina? Jireenya Keenya Milkeessuuf Maloota Garaagaraa Hedduutu Jiru,Garuu Tarsiimoon Salphumatti Si Milkeessu Akkaataa Ilaalcha Ati Jireenyaaf Qabdu Irratti Hunda’a , Yeroo Heedduu Kan Nuti Yaadnu Namni Qarshii Hedduun Kaffalamuuf ykn Miindaa Gaarii Nyaatu Milka’aa Nutti Fakkaata, Garuu Milka’inni Kan Ibsamu Kana Qofaan Miti ,Haata’u Malee Kun Cabduu Xiqqaa Milka’ina Uuman Tahuu Danda’aa,Waantonni Milkaa’ina Jireenyaa Uuman Heedduudha. Kahumsi Milkaa’inaas Waantota Heedduu Irratti Hunda’aa Isaan Keessaa Hojii (dalagaa), Barumsa,Maatii,Jaalala, Ispoortii,Dandeettii fi Kalaqa Garaagaraa Tahuu Danda’a Warreen Kun Milkaa’ina Jireenyaaf Sababa Tahu Gahumsi Milkaa’ina ammoo Akkaataa Kahumsa Irratti Hunda’a Hogganuu,Duroomuu,Qaroomuu,Badhaafamuu,Jaallatamuu,Fayyuu,Beekamuu Tahuu Danda’aa ,Milkaa’ina Kana Waantonni Argamsiisuu Danda’anii Fi Salphumatti Galma Kee Kana Kan Si Geessisan Ammoo Malootaa Fi Tarsiimoo Jajjaboo Fi Namoota Milka’uu Danda’aniif Dirqama Barbaachiisan Muraasa Kanneen Beekuutu Barbaachisa
Karaan Sirrii Qeenxeen Ykn Tokko Qofti Gara Milkaa’inaatti Geessu Hin Jiru
Waanti Siin Milkeesse Nama Biraaf Immoo Hojjeechuu Dhiisuu Danda’a Kanaaf Karaan Ati Filachuu Qabdu Tokko Qofa Tahuu Hin Qabu, Karaan Gara Milkaa’inatti Geessu Kunneen Waantota Namni Kamiyyuu Dirqama Ittiin Milka’u Miti Sababni Isaa Ilaalcha Namaa Namarratti Hunda’a Garuu Ati Milkaa’uuf Karaalee Kanneen Hordoftee Deemuu Qabda
1 Yaada Ykn Ilaacha Milkaa’inaf Qabdu Ijaari
kana Jechuun Atui Akka Milkooftu Amanuu qabda Yaada an Milkaahuu Hin dandahu jedhu of Keessaa baasuu qabda \ namoonni heedduun waan namaa hawwuu \malee ofii akka nama sanaan taha Jedhanii hin yaadan sababni isaa Ilaalcha gadaantummaa waan qabaniifi kanaaf yaada ykn ilaalcha keenya jijjiiruun milkaahuu akka dandeenyu amanuutu nurra jiraata
2 Kufaatii Namaarraa Barachuu Qabda
jechamni kana dghugoomsu tokko jira innis akkas jedha”gowwaan kufaatii isaarra bara abshaalli garuu kan namaarra bara jedha” kufaatii ykn dogoggora namaa ilaalle hubachuun ofii keenyaaf dogoggora sanarraa barachuutu nurra jira.
3 Ofitti Amanamummaa Qabaachuu Qabda
waanta tokko rawwachuuf jalqaba murteessaan ofitti amanamummaa fi murannoo qabachuudha karoora kee milkeessuuf waantota ofitti amanamummaa kee miidhan hunda miohachuu fi yaada ykn ilaalcha ofitti amanamummaa kee dabalu cimsachuutu sirraa eegama
4 Kaayyoo Kee ykn Karoora Kee Akka Iccitiitti Eeggachuu qabda
waanta gochuuf deemtu nhundaa namatti himuu irraa of qusachuu qabda sababni isaa namoonni yaada kee ykn karoora kee kana milkeessuu akkati hin dandeenye sitti himuun abdii si kutachiisuuf ykn ilaalcha dadhabaa si keessa kahaan ni jiru kun ammoo ilaalcha yknn karoora ati ofiiu keetiifis tahe kayyoo keef qabdu akka gadi buhuu gochuun abdi si kutachiisa kanaaf karoora kee osoo hin tahaane ija hojii kee namootatti agarsiisi.
5 Wantota Milkaayinakeetti Gufuu tahaan Irra Fagaachuu qabda
waantota karoora fi kayyoo keetti gufuu tahaan heedduun jiraachuu dandahu isaan keessaa muraasa yoo ilaalle araada ykn suusii garaagaraa akkasumaas hiriyaa gadhee fi ilaalcha badaa taheedha warreen kanarraa cimsitee yoo of eeggatte yaada kee dhugoomsuu dandeessa.
6 Karooraan fayyadamuu qabda
waanta hundaa gochuuf karoora baafachuun yeroo keetti fayyadamuu qabda yeroo keew qisaasessuu hin qabdu
