FAYYIDAA JINJIBILA.

Jinjibilli Biyya Keenya Keessatti Waan Beekamaadha.
Kemikaalli Jinjibila keessatti argamu kan” GINGEROL” Jedhamu Fayidaa Heedduu Nuuf Kenna.
Vaayirasii Qufaa Dadhabsiisa. Dhibee Qufaa Nurraa Ittisa Waan Taheef Yeroo Qufaan(Utaalloon)Nu Qabu Jinjibila Shaayee Waliin Danfisuun Yoo Dhugne Haala Gaariin Qufaa Ofirraa Ittisuu Dandeenya.
Fayyidaa Jinjibila keessaa Inni Biraan Ammoo Sukkaara Qaama Keenya Keessa Jiru Gadi Buusa kana Jechuun Dhukkuboota Kara Sana Nutti Dhufan Nurraa Ittisa.
Inni Biraan Fedhii (appetite) Nyaataa Keenya Dabala Kun Jechuun Jireenya Keenya Guyya Guyyaa Keessatti Gammadaa Nu Taasisa.
Akkasumas Yeroo Ispoortii Hojjennu Qaamni Keenyi Akka Hin Dadhabne YKN Istiraappoo Nurraa Ittisa Kanaaf Jinjibilli Nama Ispoortii Hojjetu Tokkoof Baayyee Barbaachisaadha.
Fayyidaa Jinjibilaa Kessaa Inni Addaa Jinjibilli Balaqqama Nurraa Ittisa.Akkuma Beekamu Namoonni Heedduun Yeroo Konkolaataan Imalan Ni Balaqqamu Kana ittisuufillee Baayyee Fayyada.dabalataanis (http://fayyada.dabalataanis/) Nyaanni Nuti Nyaannu Saffisaan Akka Bullaa’u Taasisa.



